Jijjiramu tartiiba Qubee Afaan Oromoo ni mormina: Baratoona Amboo.

51

Oduu OMN

(AMBOO, Oromiyaa,  Waxabjj 15,2017) –  Tartiibni qubee Afaan Oromoo jijjiiramuu hin qabu jechuun diddaan barattoota Amboo ammas akkuma itti fufetti jira.

Gareen komaandipoosti barattoota reebuudhaan mormii isaanii bittinsuullee barattoonni OMN tti himan.

(Usmaan Ukkumee)

Magaalaa Ambootti bifa haarawaan mormii fi diddaan erga jalqabee torbaan tokko laakkofsisee jira. Loltoota Agaaziitiin haga ammaatti lubbuun barattoota lamaa yoo darbu, 50 ol hidhamuun ni yaadatama.

Guyyaa hardhaa Waxabajjii 15 bara 2017ttis barumsi akkuma dhaabbatetti jira. Gareen komaandipoosti wayta barattoonni mana barumsaa deemanitti akka isaan hin barannee taasisaniiru.

Jiraattota dubbifne akka jedhanitti hardhas barattoonni bifa haaraan mormii dhageesisan. Ka’umsi mormii isaanii tartiiba qubee Afaan Oromoo jijjiramuuf karoora dhihaate irratti akka ta’es dubbatanii jiru.

Dhimma kanarratti barattuun nuti dibbinfe akka jettutti guyyaa hardhaa osoo isaan mormii geggeessaa jiranii loltoonni Agaazii reebicha irratti raawwachuun addaan bittinsuu ni dubbatti.

Loltoonni Wayyaanee konkolaataa heddutti fe’amanii magaalaa Amboo keessa ori’aa akka jiranis nuuf himteerti.

Barattoonni kunniin reebamuun mooraa mana barumsaa keessaa waan baafamaniif barumsi dhaabatee akka jirus ibsitee jirti.

Haga ammaatti barattoonni hidhaman meeqa ta’u laata gaaffii jedhuuf barattuun tun yoo deebiftu, konkolaataa sadiin qabamanii waan hidhamaniif lakkofsaan beekuun rakkisaadha.

Kana malees barattoonni hagi tokko magaalaa gadi dhiisanii baadiyatti baqataniiru. Barattoonni kutaa 10ffaa fi 12ffaa ammoo qormaata xumuranii gara maatii isaanitti deebi’aniiru.

Mana hidhaa magaalaa Amboo fi buufata leenjii poolisii Oromiyaa Sanqalleetti kanneen hidhamanis heddu ta’uu nutti himtee jirti.

Loltoota Wayyaaneetiin wayta ammaa kana guutumatti nagaa fi tasgabbiin dhabameera kan jettu barattuun magaalaa Amboo tun rakkoo kana irra aanuuf ammoo gaaffiin ummata Oromoo deebii argachuu qaba.

Ba’aa gabrummaa Wayyaaneen nurratti feetee jirtu ufirraa qaarisuu qofatu fala jechuun ni dubbatti.

Barattoota barumsa isaanii hordofuudhaaf gara mana barumsaa deemanitti danqaa uumuun loltoota Wayyaanee haarawa akka hin taane himtee, inni ammaa garuu sodaa jabaadhaan kan guuttameedha.

 

Image result for ambo ethiopia

 

Comments are closed.