Baankiin Addunyaa,Dinagdeen Itoophiyaa waggoota sadan dhufan gadi bu’a jedhe.

124

OMN:Oduu Adol.12,2015 Guddinni dinaagdee Itoophiyaa waggoota sadan dhufan keessatti,harka lamaan akka gadi bu’uu Baankiin Addunyaa gabaase. Baankiin Addinyaa gadi bu’uu guddinna dinaagdee Itoophiyaa kan hime, gabaasaa bara 2015 guddina diinagdee Itoophiyaa ilaalchisuun baaseen akka ta’e barameera.
Gabaasni waggaa kanaa baankiin addunyaa guddina diinagdee Itoophiyaa ilaalchisuun baase akka mul’isutti, guddinni diinagdee Itoophiyaa,waggoota itti’aanan kanatti ni dabala jedhamee eegamaa ture qabxii lamaan akka gadi bu’u baankiin Addunyaa himeera.
Gabaasni Baankiin Addunyaa kun, sababaa gadi bu’iinsaa diinaagdee Itoophiyaa yoo himu, sochiileen investimeetiifi konistraakshiinii qabbana’uun isaanii qancaruu diinaangdeef kanneen duraati jechuun Baankii Addunyaatti, itti gaafatamaan sagantaa diinaagdee Laarsi Moolar dabbataneeran.
Gaabasni baankii Addunyaa kun itti dabaluun akka beeksisetti, sochiin daldala biyya alaa qabbana’a dhufuusaatiin humni maallaqa sharafa biyya alaafi baajanni fiisikaala mootummaalle rakkoo keessa seenuun, sochii daldala biyya alaatiifi biyya keessaa giddutti madaalliin duufuun sharafni biyya alaa dhabamuun diinaagdee Itoophiyaa rakkoo keessa akka galchu addeeffameera.
Liqaan biyyootaa alaa Itoophiyaa irra jirulle, dhibeentaa 45 irraa gara 65 tti akka ol guddatu gaabsni baankii addunyaa kun saaxileera. Liqaa biyyoonni alaa Itoophiyaa irraa qaban kana kan akka malee ol kaasaa jiru, liqaa baroota dheeraafi dhala gadi bu’aa waliin kanfalamurra, liqaan yeroo gabaabaa keessatti kafalamuufi dhala hedduu dhalu heddummaachaa waan dhufeef akka ta’ee gabaasni Baankii Addunyaa kun addeesseera. Gabaa Addunyaa irratti dabalaa dhufuun humnni jijjiirraa doolaralle, liqaa ittoophiyaa irra jiru ol kaasaa jira jedhameera. Gatiin doolaara yeroo gabaabaa keessatti dhibeentaa 25n dabalaa akka dhufe ragaaleen agarsiisanii jiran.

Gabaasaan Daani’eel Bariisoo Areerii.

Comments are closed.