Karoorri Guddina Dinagdee fi Traansoformeshinii Itoophiyaa,qabatamaatti jireenya Ummataa akka hin jijjirre ibsame.

4

OMN: Oduu Wax.30,2015 Mootummaan Itoophiyaa Waggoota shanan darban karoora Guddina fi Tiraansfoormeeshinii baasuun diinagdee biyyattii Dijitii lamaan guddisee biyyattii, toora biyyoota galii giddugalaa qaban cinan hiriirsa jechuun hojjechaa ture.

Keesumaa Diinagdee Biyyattii Qonnaan durfamaa jiru gara diinagdee Industiriitti ceesisuuf karoorfamee yoo tures utuu galma hin gahin hafuu isaa ogeessa Diinagdee kan ta’an Obbo Mulatu Gammachuu OMN tti himaniiru.

Humna Elektirikaa bara Hayila Silaasetti fayyadamaa,Qonnnaan bulaan Gindoodhuma waggoota 40 darbe lafa qotaa,guddinna galmaa;e jedhamu arguu dadhabne jedhaniiru.
Hanqinni sharafa biyya alaa yeroo diinagdee biyyatti raasaa jiru fi qalaa’iinsii gatii guddachaa jiru kanatti karoora guddina fi Tiraansfoormshinii jedhanii labsuun maqaa isaa irra kan hafe qabatamaatti jijjiramni fide hin jiru jedhu Obbo Mulatuun.
Biyya Itoophiyaa keessatti guddinni kan dhufuu danda’u qonnaa fi industiriin wal simee lammiileef carraan hojii yoo umamee dha kan jedhan obbo Mulatuun,Projektonni Misoomaa gurguddoon biyyattii illee hanqina sharafa biyya alaatiin rakkoo keessa akka jiran dubbatan.

Barreessaan Paartii Kongressii Federaalistii Oromoo obbo Baqalaa Nagaa’s, Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa kana hojjetaan Mootummaa miindaa argatuun jiraachuu akka dadhabe, Qonnaan bulaan lafa isaa irra seeraan alaa buqqa’ee kadhaaf daandiitti bahaa akka jiru himanii, ummanni keenya tajajjila dhala namaaf barbaachisu ille argachaa hin jiru jedhu.

Karoorri Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii waggoota shanan dhufaniif bahes isa kanaan duraarraa waan addaa fida jedhanii akka hin eegne hubachiisaniiru.

Gabaasaan Alamayyoo Qannaa ti.

Comments are closed, but trackbacks and pingbacks are open.